BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
KALLATTIIN, UAEn haleellaa humnoonni TPLF raawwatan balaaleffachuun walabummaa Itoophiyaa mirkaneessuu akka deeggartu ibsite
Yunaayitid Arabi Emireetis (UAE) TPLF fi michoonni isaa haleellaa humnoota mootummaa federaalaarratti raawwatan jedhe balaaleffachuun walabummaa Itoophiyaa mirkaneessuuf akka deeggartu beeksifteetti.
Humnoonni TPLF waraana kaabatti baname kanaan maal shallagatan?
Dr. Nagaraa Guddataa hayyuun Saayinsii Siyaasaafi xiinxalaa dhimma Baha Afrikaati. TPLF waraana marsaa ammaa kana kan jalqabeef sababoota mataa isaa ni qabaata, garuu sababoota isaan kaasan kun fudhatama kan qaban ta'uu dhiisuu danda'u jedha.
Tigraayitti interneetiifi bilbilli 'ajaja TPLF'n addaan cite', maaliif?
Waraana Tigraay: 'Tigraayitti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii kan adda cite ajaja TPLF dabarseeni'- Rooyitarsi
Hireen Maan Siitii itti aanu maal ta'a? Gadi bu'uu? Waancaan irraa fudhatamuu? Ol iyyachuu?
Seera maallaqaa Piriimer Liigii cabse jedhamuun Maanchester Siitiirratti himannaawwan 115 waggaa lamaa oliif irratti dhiyaate dhumarratti murtee argateera.
Haleellaan diroonii Tigaayitti raawwatame akka qoratamu HRW gaafate
Haleellaan qilleensaa bara kana Hagayya 20, 2026 magaalaa Maqalee naannoo Daayiroo keessatti mana jireenyaa irratti raawwatame, yakka waraanaa ta'uu danda'a jechuun dhabbanni mirga namoomaa Humansi Raayit Woochi(HRW) ibse.
Saayintistoonni yeroo jalqabaaf Paantii dhuufuu safaru hojjetan
Ogeessonni kana hordofan akka jedhanitti, gaazii hangamiitu akka uumame galmeessuun qorattoonni namoonni yeroo a#hangamii akka gaazii kana baasan hordofuuf gargaara.
Tigraay keessatti tajaajilli bilbilaa fi interneetii adda cite
Naannoo Tigraay keessatti, Kamisa halkan irraa eegalee tajaajilli bilbilaa fi interneetii Itiyoo-Telekoom adda cituun gabaafame.
Waggoota 30 darban walta'iinsi ijoon dhaabbileen siyaasaa hundeessan maalirra gahan?
Siyaasa keessatti 'diinni bara baraas ta'aee firri bara baraa hin jiru' akkuma jedhamu, Itoophiyaa keessatti yeroo garaa garaatti dhaabonni ijjannoo faallaa fa'aa qaban 'kaayyoo waloof' jechuun walitti dhufanii tokkummaa tolfataniiru.
'Lafa Oromoon hin jirre nun dhaabin'- Artistiin Daawwiteen wayita biyya ga'u miira itti dhagahame dubbate
Artist Daawwitee Mokonnin turtii biyya bakkee waggoota 27 ta'u booda gara biyyasaatti deebi'eera. Wayita Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Boolee ga'u qondaalota mootummaa, artistoota Oromoo, Abbootii Gadaa fi hiriyoota isaan simatameera.
'Oromoon wal malee fira akka hin qabne arginee jirra'- Obbo Baqqalaa Nagaa
Qabsoon Oromoo itti aanuu maal irratti xiyyeeffachuu qaba? Dhimma kana irratti qabsaa'aa gameessi yeroo dheeraaf qabsoo siyaasaa keessatti hirmaachaa turan obbo Baggalaa Nagaa BBC waliin turtii taasisaniiru.
L/Jeneraal Taaddesee Waradee Kamisa waaree booda mana isaaniitii fudhatamuu maatiin himan
Pireezidantiin duraanii bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay L/Jeneraal Taaddasa har'a Kamisa waaree booda humnoota Tigraayiin mana isaaniitii fudhatamuu maatiin BBCtti himan. Gaafa Roobii eegdonni isaanii geeddaramuun eegumsa olaanaa keessa turan.
Dubartoonni gameeyyiin UN hoogganuuf dorgomaa jiran eenyufaadha?
Kaadhimamtoonni dubartootaa dorgommii keessa jiran Kaarolaayin Roodiriigeez Birket, Rebeka Giriinispan Mayufis, Maariyaa Farnaandeez Epinoozaa Gaarsis, Ivoon A-Baakii fi Misheel Baashileet Yeeriyaa jedhamu.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
Viidiyoo Gaggabaaboo
Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Dhuma Viidiyoo Gaggabaaboo
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu lolli eegale
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi eegale.
Viidiyoo, Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate kan beeknu
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa walqabatee hojii dhaabeera.
Viidiyoo, Faayidaawwan shubbisaa afur amanuuf ulfaatan ogeeyyiin ibsan
Shubbisni sochii qaama qofa isinitti fakkaata ta'a. Garuu sochii sammuu guddaadhas.
Viidiyoo, Gaanfa Afrikaatti biyya kamtu humna qilleensaa Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfaa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, olloonni ishees deeggarsaan humnasaanii cimsachuurratti argamu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqalee jiru 'to'achuu' booda balaliin haqame
Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
''Jigiidha'' - Tumsa hidhattootaafi akeeka MM Abiy irratti xiinxala Jawaar
Akka xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad jedhutti, wal ta'iinsi hidhattoota kanaa ''tumsa sirna ijaaruu osoo hin ta'in tumsa sirna diiguu qofa'' dha.
Walta'iinsi hidhattoonni taasisan 'qilleensarra qofa jira' - Jen. Hayiluu Gonfaa
Itoophiyaa;- Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomuu isaani ilaalchisee waanti gama mootumman jedhame maali? Dhimma nageenya irratti gorsaa Perizdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa waanti jedhan kunooti.
Hidhattoonni Itoophiyaa torba mootummaa loluuf qindoomina uumuu ibsan
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa socho'an torba ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' jechuun maqaa Tibibbir Lehilliwunnaa jedhuun qindoomina haaraa uummachuu Hoogganaan Sochii Biyyaaleessaa Faannoo Amaaraa Obbo Zammanee Kaasee miidiyaa Tigraay irratti ibse.
'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe
Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ameerikaan qoqqobbii sababa waraana Tigraayin Ertiraarra keessee turte kaaste
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise. Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
ABO-WBO dhimma Gamtaa Tsimdoo fi 'Faannoo' Wallaggaa irratti maal jedhe?
ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.
Baqattoonni Itoophiyaa waraana Huutii gidduutti danqaman birmannaa gaafatan
Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran waraana Huutii akkaan babal'ataa jiru gidduutti danqaman birmannaa gaafataa jiru. Magaalaa Sana'aa qabatanii kan jiran hidhattoonni Huutii kutaaleen Yaman gara kaabaa hedduunis to'annoosaanii jala jira.
'Harka keenya galeera, ABO-WBO beektaa naan jedhe' - Maatiin Obbo Daani'el maal jedhu?
Haleellaa hidhattoonni Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii warshaa oomisha warqii Tulluu Kaappiitti raawwataniin maatiin miseensa maatii dhaban akka qoratamu gaafatan.
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee?
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee? Hidhamtoonni himanni isaanii akka adda cituuf haaldureen mootuummaan kaa'e maali?
Ispoortii
'Kallattii jireenyaa koo kan jijjiirte haadha manaa kooti'
Addunyaa kubbaa miillaa keessatti Mikeel Arteetaa akka taphataattis akka leenjisaattis beekna, garuu gameessi kubbaa miillaa kun eenyu?
'Biraayitan Arsenaal ciibsee irra deeme' - Alan Shiirar
Dorgommiin Piriimeerliigii Ingiliz baranaa erga eegalee Arsenaal tapha Sambata Biraayitan waliin taasiseen 3-0dhaan mo'amuu osoo hin taane, gahuumsa gadaanaa kan itti agarsiisedha.
Biraayiten V Arsenaal: Kanaafi tapha biroo AI fi Saatan kennan maal fakkaata?
Taphoota kilaboota Piriimer Liigii Jimaata galgala irraa kaasee dhum-torbee kana gaggeeffaman keessaa kan Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun taphatu akkaan warra eegaman keessaati.
Kaarik ammallee 'dhiibbaan na dhiphisu hin jiru' jechaa jira, garuu dhiphachuu hin qabuu?
Maanchester Yunaayitid Roobii galgala taph Karabaa'oo Kaap marsaa duraarratti Biraayitaniin 3 fi 2'n mo'amee keessaa baheera. Kun ammoo Fulbaana 4 bara 1976 booda yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti goolii 2 fi 0n dursaa osoo jiru mo'amuu isaati.
Naayiroobiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuu mo'achuun Afrikaaf seenaa guddaadha- Haayilee Gabresillaasee
Atileetii jabaan Itoophiyaa, yeroo lamaaf shampiyoonaa Oolompikii fiigicha meetira kuma kudhanii (10,000m) ta'e, Haayilee Gebrasillaasee, Kibxata ganama "oduu dinqisiisaa" jechuun Afrikaa guutuu baga gammaddan jechuun murtoo seena qabeessa kana hordofee ergaa isaa dabarseera.
Arsenaal taphataa umrii waggaa 16 Maksi Dowmaan kunuunfachuu qaba- Arteettaa
Taphataa ol adeeman dorgommii Waancaa Karabaawoo irratti ga'umsa isaa addunyaatti mul'ise Maksi Dowmaan tumsaa fi hordoffii akka barbaadu leenjisaan isaa Mikeel Arteettaan dubbate.
Atileetiin Itoophiyaa Budaapestitti seenaa hojjette badhaasa birrii miliyoona 24 mo'atte
Atileetiin Itoophiyaa Likkinaa Ambaaw dorgommii Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa Altimetam jedhamuun Buudaapestitti gaggeeffame m5000 mo'atte.
Galchiin Erliing Haalaand ''dogogora'' jedhame maaliif kenname?
Qaamni bulchiinsa Murteessitoota kubba miilaa Ingilizii galchii Haalaandi lakkoofsise kennuun ''murtoo dogogoraati'' jedhe.
Arsenaal qormaata kamiyyu darbaa jira - Odegaard gahumsa addaarra jira
Arsenaal bara darbe injifannoo waancaa dachaa milkeessuuf fiixeerra gahanii ture. Piriimer Liigii milkeessaniiru, Shaampiyoons Liigii ammoo waancaaf dhiyaatanii peenaaliitiirra gahanii PSGn mo'aman.
Shaampiyoons Liigiin deebiyeera - barana eenyu mo'ata, taphattoota kam daawwachuu hawwitu?
Shaampiyoons Liigiin kilaboota ciccimoo Awurooppaa gidduutti waggaa waggaan gaggeeffamu deebiyeera. Morkii guddaa Waxabajji 5, 2027 Maadiriiditti goolabamu kana mo'atee eenyutu 'waancaa gurra guddatu' kana harka galfata?
Jijjiirraa taphattoota baranaa baayyee qaalii ta'an 20
Kilabooonni Piriimer Liigii bara kana jijjiirraa taphattootaaf baasii seenaa keessatti rikkardii ta'e baasaniiru. Walumaagalatti jijjiirraa ganna baranaa kanaan Paawondii Biuliyoona 3.5 baasaniiru.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.




